Dhaabbileen faaynaansii mootummaa sadi walakkaa bara baajatichaatti Birrii biiliyoona 10.7 buufatan

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2012 (FBC) – Dhaabbileen faaynaansii mootummaa walakkaa bara baajataa 2012tti taaksidhaan dura Birrii biiliyoona 10.7 buufachuun ibsame.
 
Dhaabbileen faaynaansii Eejansii Bulchiinsa Qabeenya Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa jala jiran sadi; Baankiin Misoomaa Ityoophiyaa, Dhaabbatni Madinii Ityoophiyaa fi Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa walakkaa bara baajatichaatti taaksidhaan dura Birrii biiliyoona 10.7 buufataniiru.
 
Karoorri isaanii Birrii biiliyoona 9.67 buufachuu ture.
 
Raawwin kanaas karoora qabamerra caalmaa %11 akka qabu ibsameera.
 
Gamaaggamni raawwii hojii dhaabbilee misoomaa kanneenii Gurraandhala 5 eegalee amma Gurraandhala 11,2012tti gaggeeffameera.
 
Gamaaggama gaggeeffamerratti hoggansii fi bakka buutonni dhaabbilee kanneenii argamaniiru.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment