Ayyaana Sooma Hiikaaf hanqinni dhiyeessii oomishaalee akka hin mudanne xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Ebla 18, 2016 (FBC) – Ayyaana Sooma Hiikaaf hanqinni dhiyeessii oomishaalee fi daballiin gatii akka hin mudanne xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Biiroon Daldalaa Magaalaa Finfinnee beeksiise.
Magaalichatti qaala’iinsa jireenyaa fi daballii gatii ittisuuf koreen hundaa’ee hojii eegaluu Itti Aanaa Hoggaanaan Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee Obbo Fissahaa Xibabuun himaniiru.
Giddu galoonni gabaa Jamoo, Laaftoo, Aqaaqii, Lammii Kuraa fi Kolfee Qaraaniyoo akkasumas gabaan Dilbataa 188 hojii tasgabbii qaala’iinsa jireenyaa ittisuu fi daballii gatii hojjechaa jiraachuu eerameera.
Agarsiifnii fi Baazaariin Daldalaa Waldaalee hojii Gamtaa 154 ol hirmaachise kutaa Magaalaa Lammii Kuraa, Kolfee Qaraaniyoo fi Akaaqii Qaallittiitti banamuu eerameera.
Qonnaan bultoonnii fi Interpiraayizoonni oomishaalee gatii madaalawaan dhiyeessaa jiraachuu biirichi himeera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment