Godinichatti Bara oomishaa kana hanga ammaatti Bunni tooniin kumni 275 oomishamuu ibsame

Finfinnee, Ebla 11, 2016 (FBC) – Godina Jimmaatti Bara oomishaa kana hanga ammaatti Bunni tooniin kumni 275 oomishamuu Waajjirri Qonaa godinichaa beeksiise.

Qulqullinaa bunaa fi oomishtumma isaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu Itti gaafatamaan waajjira qonnaa godina Jimmaa Obbo Mohammad Xahaa Abba fiixaan ibsaniiru.

Godinichatti bara kana bunni lafa hektaara kuma 530 irratti misoomaa jiraachuu dubbataniiru.

Akka biyyaatti haala qileensaa naannoo irratti hundaa’uun gosoonni bunaa 44 qoranoon argaman raabsamuu Giddu gala qoraanoo Jimmatti Dursaan Garee Qoranoo Agiroonomii fi Ziyoolojii bunaa Dooktar Taayyee Qufaan eeraniiru.

Tasfaahuun Kabbadaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment