Dorgommiin fiigicha daandiirraa kiiloomeetira 10 magaalaa Jigjigaatti gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 20, 2015(FBC)- Dorgommiin fiigicha daandiirraa kiiloomeetira 10 naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti gaggeeffamuu ibsame.

Dorgommichi mata duree “Nageenya Biyyaaf Nan Fiiga” jedhuun Waldaa Atileetota Ityoophiyaafi Bulchiinsa Magaalaa Jigjigaan qophaa’uu ibsameera.

Saganticharratti Ministira Ministeera Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa dabalatee Ittaanaan Pireezidaantii naannichaa Ibraahim Usmaan, Pireezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaa Gargaartuu Komishinaraa Daraartuu Tulluufikeessimmuunni biroon argamuu eerameera.

Dorgommicharratti Atileetonni dhaabbilee mootummaafi dhuunfaa garaagaraarraa walitti babba’an 70 ol hirmaachuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Dorgommichaan atileetota sadarkaa 1ffaa-3ffaa bahaniif badhaasni maallaqaafi meedaaliyaa kennamuu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment