Giriik Dhukkee Obomboleetti Saahaaraan uwwifamte

Finfinnee, Ebla 16, 2016 (FBC) – Giriik Dhukkee Obomboleetti Saahaaraarraa ka’een uwwifamuu dhagahame.
Obombolleetti dhukkee olaanaa Gammoojjii Saahaaraarraa ka’een magaaloonni Giriik hedduun uwwifamuu ibsameera.
Ateensi dabalatee magaalonni hedduu fi samiin biyyattii dhukkeen uwwifamuun halluu Burtukaanawaa uffachuu eerameera.
Kutaalee Kaabaa fi Lixa biyyattiitti Obomboleessi Rooba Dhoqqeen makate muudachuus akka danda’u Tajaajilli Raaga Haala qilleensaa Giriik himeera.
Obomboleessi dhukkee makate kun qaamolee sirna hargansuurratti rakkoo fayyaa fiduu akka danda’u aanga’oonni biyyattii akeekkachiisuu RTn gabaaseera.
Bubbeen kun har’aa eegalee haphachaa adeemuun hammi dhukkee isaa gara kallattii qarqara daangaa Lixaatti akka jijjiiratu kan eegamu ta’uu eerameera.
Comments (0)
Add Comment