Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu dandeettii Oomishtummaa Indaastirii biyya keessa guddiseera – Pireezidaantoota naannolee

Finfinnee, Ebla 29, 2016 (FBC) – Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu dandeettii Oomishtummaa Indaastirii biyya keessa guddisuu Pireezidaantoonni naannolee ibsan.

Sosochichi oomisha alaa galu kan biyya keessaan bakka buusuuf baa’inaa fi qulqullinaan oomishanii gabaaf dhiyeessurratti boqonna haara banuu Itti Aanaan Pireezidaantii Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itiyoophiyaa Dooktar Injinar Nagaash Waageeshoon ibsaniiru.

Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu naannichatti aadaa hojii fi oomisha biyya keessaa fayyadamuurratti jijjiirama olaanaa fiduu Pireezidaantiin Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Xilahuun Kabbaddaan eeraniiru.

Jijjiirama biyyaalessaa booda dameewwan Invastimantii, Indaastirii fi misooma magaalaan bu’aa jajjabeessaan galmaa’uu Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad himaniiru.

Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu damee misooma Indaastirii cimaa uumuu fi hudhaalee damichaan turun furuu Pireezidaantiin Naannoo Afaar Obbo Awwal Aarbaan dubbataniiru.

Sosochichaan naannoo Afaaritti Indaastirii Keemikaalaa dabalatee Indaastiriiwwan oomishaa xixiqqaa, Giddugaleessaa fi Olaanoon 100 ol gara hojiitti galuu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment