Hindi guyyoota lama keessaatti koroonaan lubbuu lammiilee kuma 8 olii dhabde

Finfinnee, Caamsaa 5, 2013 (FBC) – Hindi guyyoota lamaan darban keessatti qofa sababa dhibee Covid -19n lubbuu lammiilee kuma 8 olii dhabuu ibsame.
Biyyattiitti guyyoota lamaan darban keessatti qofa namoota kuma dhibba 8 ol dhibichaan qabaman keessaa lubbuun namoota kuma 8 olii darbuu ibsameera.
Weerarichi naannoo baadiyyaa biyyattiitti daraan hammaachaa jiraachuu ragaaleen garaagaraa ni muul’isu.
Sababa yaala dhabuun lakkoofsi namoota vaayrasichaan miidhamanii haalaan dabaluu akka danda’uu himameera.
Sa’aatii 24 darbe keessatti qofa lubbuun namoota kuma 4 fi 120 darbuu Ministeerri Fayyaa biyyatti beeksiiseera.
Waliigala namoota miiliyoona 23 fi kuma dhibba 7 ol vaayrasichaan qabaman keessaa lubbuun namoota kuma dhibba 2 fi kuma 58 fi 317 darbuu ibsameera.
Akka ogeeyyiin fayyaa biyyattii ibsanitti lakkoofsi namoota dhibichaan qabamanii dachaa 5 hanga 10niitti dabaluu danda’a jedhame.
Indiyaan lammiilee biilyoona 1.35 qabdu keessaa hanga ammaatti % 2.8f qofaaf talaallii laattee jedhame.
Yeroo ammaa namoota addunyaarraatti vaayrasichaan qabaman keessaa walakkaan lammiilee Hindi yoo ta’an, kanneen lubbuun darban keessaa % 30 ammoo lammiidhuma biyyattii ta’uu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiiseera.
Maddi:-Al jazeera
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment