Itiyoo Teelee Koom sadarkaa biyyaatti tajaajila galmee Waraqaa Dijiitaala biyyaalessaa eegalchiise

Finfinnee, Ebla 16, 2016 (FBC) – Itiyoo Teelee Koom sadarkaa biyyaatti tajaajila galmee Waraqaa Dijiitaala biyyaalessaa eegalchiisuu beeksiise.

Ji’aan giddugaleessan lammiilee miiliyoona 1 galmeessuun hanga bara 2018tti lammiileen miiliyoonni 90 Waraqaa Eenyummaa Diijitaala Biyyaalessaa akka argatan karoorfamuu himeera.

Waraqaan eenyummaa Diijitaalaa diinagdee diijataalaa hirmaachisaa ta’e ijaaruun fayyadamummaa lammiilee qixa mirkaneessuuf carraa kan uumu ta’uu Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Itiyoo Teelee Koom Fireehiwaat Taammiruun eeraniiru.

Galmeen Waraqaa Eenyummaa Diijitaala biyyaaleessa kun Finfinnee dabalatee magaaloota biyyattii 29 keessatti eegaluu ibsaniiru.

Lammiileen bakka jiraatan taa’anii Appilikeeshinii ‘Teelee Birr Suuppar’ fayyadamuun galmaa’uu kan danda’an ta’uu eerameera.

Sirni eegalchiisaa kun magaalaa Jimmaa fi Harariitti raawwateera.

Nageessoo Kadiir, Warqaafarraaw Yaalewu fi Leeyikun Alemtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment