Waldichii fi Laaminoo Injinariingii bittaa meeshaalee galmee Waraqaa eenyummaa dijitaalaa biyyoolessaa raawwachuuf waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Ebla 16, 2016 (FBC) – Waldaan Baankota Itiyoophiyaa fi Laaminoo Injinariingii bittaa meeshaalee galmee Waraqaa eenyummaa diijitaala biyyoolessaa raawwachuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Pireezidaantiin Baankii Daldala Itiyoophiyaa fi walitti qabaan Boordii Waldaa Baankota Itiyoophiyaa Obbo Abbee Saannoo fi Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbata Dhuunfaa Laaminoo Injinariing Itti gaafatamummaan isaa murtaa’e Qidduus Gabrasillaaseen waliigalticha mallatteessaniiru.
Waliigaltichi waggoottaan shanan itti anaaniif hojiirra kan oolu yoo ta’uu, Baankoonni 32 baasii Birrii biiliyoona 1 oliin meeshaalee Waraqaa eenyummaa diijitaala biyyaalessaa galmeessuuf tajaajilan kuma 6 bituuf waliigalamuu Obbo Abbee Saannoon eeraniiru.
Dhaabbatichi Meeshaalee kannneen kan dhiyeessu yoo ta’u, dameewwan baankota biyyattii kuma 11 keessatti marsaa jalqabaan lammiileen miiliyoonni 40 Waraqaa eenyummaa Diijitaala biyyaalessa fayyadamoo akka ta’an taasiisa jedhamuu TOI gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment