Itiyoophiyaan Giddugala qorannoo Saayinsii Niwukleerii fi Teeknooloojii ijaaruuf hojjechaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Ebla 29, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan Giddugala qorannoo Saayinsii Niwukleerii fi Teeknooloojii ijaaruuf hojjechaa jiraachuu Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan ibsan.

Dooktar Ballaxaan gabaasa raawwii hojii baatiwwan saglan darbanii Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeessaniiru.

Barattoota gara Chaayinaa fi Raashiyaatti erguun barnoota Saayinsii Niwukleerii fi Teeknooloojii akka baratan taasiifamaa jiraachuu eeraniiru.

Itiyoophiyaan Giddugala qorannoo Saayinsii Niwukleerii fi Teeknooloojii ijaaruuf Dhaabbata Niwukleerii Raashiyaa waliin dubbachaa jiraachuu himaniiru.

Kana dura mootummaa Chaayinaa waliin ta’uu Saatalaayitoota lama gara hawwaatti erguu eeraniiru.

Kanaanis ragaa odeeffannoo lafaa Teeraa baayitii 26.4 walitti qabuun danda’amuu kaasaniiru.

Teeknooloojiin sirnaan hojiirra akka ooluu fi fayyadamuuf hojjetamaa turuu eeruun, dhaabbilee Teeknooloojii kuma 2 fi 472f eeyyamni kennamuu dubbataniiru.

Yeshambal Mihiratiitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment