Itiyoophiyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf waliigaltee Biyyaalessaa uumuun murteessadha –Obbo Binnaalfi Andu’aalem

Finfinnee, Ebla 23, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf waliigaltee Biyyaalessaa uumuun murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Nageenyaa Obbo Binnaalfi Andu’aalem ibsan.

Ministeerri nageenyaa miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi Af-Yaa’iiwwan naannooleefi magaalotaa waliin Finfinneetti dhimma nageenyaarratti mari’achaa jira.

Nageenya waaraan mirkaneessuun hirmaannaa qaamolee hundaa kan gaafatu ta’uu kaasuun, waliigaltee waloo uumuuf mari’achuun murteessaa ta’uu Obbo Binnaalfi Andu’aalem dubbataniiru.

Hojiin ijaarsa biyyaa dhimma yeroo tokkootti hojjetamee xumuramu osoo hin taanee, hojii wal harkaa fuudhiinsa dhalootaa ta’uu himuun, waliigaltee biyyaaleessaan biyyi ijaaramti jedhan.

Qaamoleen seera baasan seericha raawwachiisuu fi hordofuu dirqama qabaachuu Obbo Binnaalfi himaaniiru.

Hanga waliigatleen biyyaalessaa hin jiraannetti nageenya waaraa mirkaneessuun kan hin yaadamne ta’uu yaadachiisuu TOI gabaasera.

Seenessa waloo ijaarurratti xiyyeeffachuun hojjetamuu akka qabu gaafataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment