Naannichi Ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun sirreeffamtoota seeraa 926’f dhiifama godhe

Finfinnee, Ebla 23, 2016 (FBC) – Naannoon Ummattoota Kibba Lixa Itiyoophiyaa Ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun sirreeffamtoota seeraa 926’f dhiifama taasisuu beeksiseera.

Boordiin Qorannoo Dhiifamaa naannichaa akkaataa labsii dhiifamaa fi bu’uura qajeelfamaan sirreeffamoota seeraa ulaagaa dhiifamaa guutuun adda baasaa turuu Hogganaan Biiroo Haqaa naannichaa Obbo Isheetuu Goodeettoon ibsaniiru.

Sirreeffamtootaa gaaffii dhiifamaa gaafatan 978 keessaa 926 ulaagaa guutanii argamuu isaaniin Boordichi mootummaa naannichaaf dhiyeessuun dhiifamni taasiifamuufi kaasaniiru.

Sirreeffamtoonni 920 mana amala sirreessaa keessaa kan ba’an yoo ta’u, 6 ammoo yeroon addabbii isaanii akka hir’ifamuuf taasifamuu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment