Ityoo- Telekoom appilikeeshinoota tajaajila garaagaraa kennan eegalchiise

Finfinnee, Amajjii 22, 2015(FBC)- Ityoo- Telekoom dhaabbilee biyya keessaa waliin ta’uun appilikeeshinoota tajaajila garaagaraa kennan sadii eegalchiise.

Ityoo-Telekoom dhaabbilee kanneen waliin ta’uun appilikeeshinoota ‘teelee diraayiv’, ‘Iliif Pilaas’fi  ‘Kilaawud Sooluushin’ jedhaman guyyaa har’aa ifoomseera.

Appilikeeshinoonni kunneen faayiloota garaagaraa olkaa’uuf, muuziqaa oonlaayinii dhaggeeffachuufi buusuuf akkasumas ragaalee nama dhuunfaas ta’e dhaabbilee karaalee garaagaraa galmeessuuf kan gargaaran ta’uu eerameera.

Saamu’eel Warqaayyahutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment