Jilli addaa Muummeen Ministira dooktar Abiy Ahimadin ergame preezdaantii Gibts Abdulfattaah Al siisii waliin walarge

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2012 (FBC) – Jilli addaa Muummeen Ministira dooktar Abiy Ahimadin ergame preezdaantii Gibts Abdulfattaah Al siisii waliin walarge.

Jilicha keessatti kan haammataman Muummee Ministira duraanii Haylamaariyaam Dassaaleny, Prees Sakreetaariyaatiin Waajjira Muummee Ministiraa obbo Nugusuu Xilaahuun fi Gibtsitti ambaasaaddara Ityoophiyaa Diinaa Muftii fa’i.

Obbo Haylamaariyaam Dassaaleny dhaamsa muummee ministiora Dooktar Abiy Ahimad ergan preezdaanti Abdulfattaah Al siisiin ga’aniiru.

Muummeen Ministira dooktar Abiy Ahimad dhaamsa isaaniin hariiroo biyyoota lamaanii baroota dheeraaf ture caalumaatti akka cimu hawwii qaban ibsaniiru.

Jilichi hidha haaromsaa Ityoophiyaa ilaalchisuun Preezdaanti Al Siisii waliin mari’ataniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment