Joon Maagufuli yeroo lammataaf filannoo waliigalaa biyya isaanitti taasifame irra injifatan

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Taanzaaniyaa Joon Maagufuli yeroo lammataaf filannoo waliigalaa biyya isaanitti taasifame injifatan.

Filannoo kana paartiin mormituu waliin dhahameera jechuun himateera.

Morkataan ijoo Maagufulii, Tunduu Lissu, gaafa Roobii filannoon taasifame bakka buutonni paartii isaanii buufata filannoo seenuu dhorkamuu himan.

Komishiniin filannoo biyyaalessaa biyyattii garuu himannaa kana balaaleeffateera. Bu’aa filannoo waligalaa ibsameen Maagufuliin sagalee 84% yoo argatan, obbo Lissuun immoo 13% argatan jedhe komishinichi.

Jilli filannoo kana taajjabuuf Hawaasa Bahaa Afrikaarraa qooda fudhate gaafa Jimaataa akka ibsetti filannoon ‘sirrummaan taasifame’.

Gaafa Kamisaa, bakka bu’aan paartii Chadema obbo Lissuun sagalee filannoo kana hin fudhu jedhaniiru.
‘Sagaleen kenname seera Taanzaaniyaanis ta’e seera idil addunyaan filannoo miti.

Namoota muraasatu aangoo mootummaatti fayyadamee aangoorra turuuf murteesse,’ jechuun hime.
Bakka buutonni paartii isaa bakka hin jirretti sagaleen waliin dhahame jechuun himan.

Imbaasiin Taanzaaniyaa Daar es Salaam jiru ’rakkoowwan tokko tokko mudataniifi olaantummaan qaamni tokko irra aanuun bu’aa filannoo irratti shakkii uuma,’ jedhe.

Komishinii Filannoo Biyyaalessaa kan hogganan Semistolees Kaayijage waraqaan sobaa sagaleen itti kennamu raabsameera himannaa jedhu soba jechuun balaaleeffataniiru.

Taanzaaniyaan ala kanneen odoloota Zaanzibaar irratti jiraatanis filannoo gaggeessaniiru.

Maddi -BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment