Magaalichatti sagantaa seeftineetii magaalaan lammiilee kuma 109 ol fayyadamoo taasisuu eegaluufi

Finfinnee, Muddee 22, 2014 (FBC)- Magaalichatti sagantaa seeftineetii magaalaan lammiilee kuma 109 ol fayyadamoo taasisuu fi sagantaan wabii nyaataa boqonnaa 2ffaan Wiixata dhufuu  ifatti akka eegaluu ibsameera.

Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee obbo Zhaanxiraar Abbaay, magaalaa Finfinneetti lammiileen kumni dhibbi 7 fi kumni 66 sadarkaa hiyyummaa jala akka jiran himaniiru.

Kanneen keessaa marsaa jalqabaatin lammiileen kumni dhibbi 4 fi kumni 15 sagantichaan fayyadamoo ta’uu ibsameera.

Lammiileen kumni 49 ol sagantaa marsaa jalqabaatin fayyadamoo ta’aan akka eebbifamaniis Addis Miidiyaa Neetwoork gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment