MM Dr. Abiy maatii fi firootaan maanguddoo dhibee vaayrasii koroonaan lubbuun darbaniif jajjabina hawwan

Finfinnee, Bitootessa 27, 2012 (FBC) – Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad maatii fi firootaan maanguddoo dhibee vaayrasii koroonaan lubbuun darbaniif jajjabina hawwan.

Dooktar Abiy ummanni qajeelfamoota ba’aan hojiirra oolchuu akka qaban hubachiisaniiru.

Vaayrasichi hawaasa gidduutti akka hin babbalanneef cimnee hojjechuu qabna jedhaniiru.

Fageenya keessaan eegadha, harka keessan yeroo yeroon dhiqadhaa, akkasumaas gama dandeessaniin warren biroos deeggara jechuun himaniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment