Obbo Dammaqaan gita isaanii Ostiriyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 6, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin gita isaanii Ostitiriyaa Aleeksaandar Shaalanbarg waliin mari’ataniiru.
Hariiroo biyyoota lamaniirratti xiyyeeffachuun marii taasiisaaniiru.
Duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa turee fi naannicha deebisanii dhaabuuf hojii hojjetamaa jirurratti mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan gita isaanii Ostiriyaa waliin dhimma ijaarsa hidha Haaromsaa ilaalachise haala waliigalaa jirurratti marii taasiisaniiru.
Dabalataan rakkoo daangaa Ityoo – Sudaaniin walqabatee jiru irratti waliin mari’ataniiru jedhame.
Bisiraat Mallaseetu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment