Preezdaant Saahilawarq  talaallii COVID-19 Afrikaa keessatti oomishaman ilaalchisee walga’ii komishiniin Gamtaa Afrikaa waamerratti hirmaatan

Finfinnee, Caamsaa 8, 2014 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen  talaallii COVID-19 Afrikaa keessatti oomishamu ilaalchisee walga’ii komishiniin Gamtaa Afrikaa waamerratti hirmaataniiru.

Walga’iichi viidiyoo konfiraansii kan gaggeeffame yoo ta’u, oomisha talaallii Afrikaa gabaa addunyaa keessa galchuuf haalota dandeessisan irratti xiyyeeffatameera.

Waltajjichaanis waraanni Raashiyaa fi Yuukreen rakkoo wabii nyaata Afrikaarratti qabu furmaata biyyoolessaa laachuun akka barbaachisuu hoggantoonni biyyoota himaniiruu.

Waltajjichaarratti Preezdaantiin Faransaayii fi Preezdaantiin Mana Maree Gamtaa Awurooppaa  hirmaachuu ragaan Waajjira Preezdaantii FDRI irraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment