Qoqqoobbiin Ameerikaa dhaabbata Hiwawweetti qormaata cimaa ta’e

Finfinnee Fulbaana 13, 2013 (FBC)-Hogganaan Hiwawwee dhaabbata guddicha Chaayinaa teeleekoomiyunikeeshin qoqqoobbiin Ameerikaa dhaabbatichatti qormaata cimaa ta’uu himaniiru.

Hiwawween bulchiinsi Doonaald Tiraamp dhimmichaa akka qorataan gaafateera.

Traamp Chaayinaan dhaabbiticha biyyaa keenyaa baasasuuf itti faayyadama jirti jechuun qoqqobbii ka’uun isaanii ni nyaadatam.

Akkasumaas yeroo 3ffaaf qoqqoobbi fooyya’aan baatii Fulbaana walakkarraa eegalee dhaabbileen Ameerikaa hariiroo Hiwawwee waliin taasisaan dhoorkiteetti.

Kanarratti hundaa’uun dhaabbatichi Chiipisotaa ammayya’oo oomishuuf kan dhaabuu ta’uu ibsuun bara Farnjoota itti aanuutti oomishni isaa gabaarra akka baduu beeksiseera.

Ta’us Hiwawween sadarkaa idil addunyaatti teeknooloojii dhaloota 5ffaa babal’isuu dhiibbaa keessaa osoo hin galiin akka itti fufuu ibsaniiru.

Maddi:-Aljaziira

Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Comments (0)
Add Comment