Raashiyaan miseensonni mana maree Ameerikaa fi Kaanaadaa 485 gara biyyashee akka hin seenne dhorkite

Finfinnee, Eebila 6, 2014 (FBC) – Raashiyaan miseensonni mana maree Ameerikaa fi Kaanaadaa 485 gara biyyashee akka hin seenne dhorkuu beeksifte.

Biyyattiin murtoo kana kan dabarsite Ameerikaan Bitootessa 24, 2022 miseensota mana maree Raashiyaa 328 irratti dhorkii keessee hordofee ta’uu himameera.

Raashiyaan dhorkicha kan keesse miseensota mana maree fi seeneetii Ameerikaa 398 irrattii fi Miseensota mana maree Kaanaadaa 87 irratti ta’uu eerameera.

Hogganaan Preesii Waayit Haawus Jeen Saakiin ibsa gaazexeessitootaaf laataniin Raashiyaan haleellaa Yuukreen irratti raawwattu hin dhaabdu taanaan Ameerikaan qoqqobbii dabalataa Raashiyaarra kaa’uu akka dandeessu himaniiru.

Maddi:- CGTN

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment