“Saafaariikoom Ityoophiyaaf” liqii fi wabiin idil addunyaa eeyyamameef

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2015 (FBC)-Diriirsa sarara Teelekominikeshinii Saafaariikoom Ityoophiyaan gaggeessaa jiruu fi hojiilee isaa deeggaruuf Koorporeeshinii Maallaqaa Idil Addunyaa fi Eejensiin Wabii Filmaatawwan Invastimantii Hunda Galeessaan liqii fi wabii eeyyamuu beeksise.

Liqeessitoonni kunneen liqii fi wabii Saafaariikoom Ityoophiyaaf eeyyaamuun lammiilee fi dhaabbilee daldalaaf interneetii gatii madaalaawaa fi quunnamtii bilbila moobaayilii amansiisaa taasisuuf kan kaayyeffate ta’uun himameera.

Tumsi jalqabaa Saafaariikoom qooda fudhattootaa fi liqeessitoota waliin taasise kun Baankiin Addunyaa biyyoota guddachaa jiran hiyyummaa akka balleessanii fi lammiileen isaanii teeknooloojiiwwan dijitaalaa akka fayyadamaniif fedhii isaanii guutuuf ergama qabatee jiruun kan walsimu ta’uu ragaaleen ni mul’isu.

Koorporeeshiniin Maallaqaa Idil Addunyaa, tumsa idil addunyaan Doolaara miiliyoona 157.4’n Saafaariikoom waliin ni hojjeta; liqii Doolaara miiliyoona 100 ni mijeessa jedhameera.

Koorporeeshiniin Maallaqaa Idil Addunyaasa dursummaa Saafaariikoom Ityoophiyaan bakka akka hinqabanne eerameera.

Miseensi garee Baankii Addunyaa Eejensiin Wabii Filmaatawwaan Invastimantii hundaa galeessaa Idil Addunyaa ammoo qooda fudhattoota Saafaariikom Ityoophiyaa kan ta’an Giruuppii Voodaafoon, Voodaakoom, Saafaariikomii fi Invastimantii Idil Addunyaa Biritishiif wabii Doolaaraa biiliyoona 1 kenna jedhameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment