Saawudiin sababa sodaa koroonaa vaayrasiif imala Makkaa fi Madiinaa dhorkite

Finfinnee, Gurraandhala 19, 2012 (FBC) – Saawudi Arabiyaa sababa sodaa koroonaa vaayrasiif imala Makkaa fi Madiinaa dhorkite Vaayrasichii kan mul’ate Chaayinaa ta’us tamsa’inni isaa sodaa guddaa biyyoota addunyaa ta’eera.
Biyyoonni addunyaas ittisa vaarsichaaf cimanaan akka hojjetaan Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiseera.

Yeroo jalqabaaf lakkoofsi namoota Chaayinaan alatti vaayrasi koroonaan qabamanii baay’ina namoota Chaayinaa keessatti qabamanii caaleera jechuun Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiseera.

Saawudi Arabiyaan sodaa vaayrasi koroonaa irraa kan ka’e namonni biyya alaarraa biyya ishii akka hin gallee dhorkiteetti.
Lammiileen biyya alaa iddoowwan amantaa Makkaa fi Madiinaa akka hin daawwannees dhorkiteetti.

Muslimoonni biyyoota addunyaa hundarraa waggaa waggaadhaan hajjiif gara Sawuudii Arabiyaa imalu, kan bara kanaa Adoolessa keessa kan gaggeeffamu yoo ta’u sababa kanaan gufachuu danda’a jedhamee sodaatama jira.

vaayrasiichi hanga ammaatti Sawuudii keessatti mul’achuu baatus biyyattiin garuu lammiilee biyyoota vaayrisichi keessatti mul’aterraa dhufan ofirraa dhorkiteetti.
Maddi:-BBC

Comments (0)
Add Comment