Sudaan Ameerikaa waliin mari’achuuf jila Dubaayiitti ergite

Finfinnee, Fulbaana 11, 2013 (FBC) – Sudaan qondaaltoota Ameerikaa olaanoo waliin mari’achuuf jilashee gara Emiretoota Arabaa Gamtoomanitti erguushe beeksiifte.

Ameeriikaan akka Sudaan tarreewwan biyyoota shororkeessuummaaf deeggarsa taasisan keessaa baaftuuf jecha biyyattiin yaalii olaanaa taasisaa jirti.

Motummaa Al Bashir duraaniitti waliitti dhufeenyi Sudaan Ameerikaa waliin qabaachaa turte gaarii hinturre.

Motummaan amma aangoorratti argamu garuu Ameerikaan tarree biyyoota shororkeessuummaa deeggaru jedhaman keessaa na haqxi jechuun abdatee hojjataa jira.

Kana jechuunis deeggarsa idil addunyaa fi invastimantii idil addunyaa Sudaan baay’ee hawwaa jirtuu argachuu ni dandeessisa.

Ameerikaan kana dura, Sudaaniin tarree biyyoota shororkeessummaa deeggaran keessaa kanan haquu yoo Sudaan miidhaa shororkeessuummaan gaheef kanfaltii doolaara Ameerikaa miiliyoona 330 kanfalteedha jettee turte.

Kana malees, bulchiinsii Tiraampi waliigaltee walitti dhufeenyaa Israa’eel biyyoota Arabaa waliin qabduu fooyyeessuuf keessaa Suudaan tokko akka taatuu barbaaddi.

Torban muraasa duras Ministirri Hajaa Alaa Ameerikaa Maayik Poompeeyoo gara magaalaa guddoo Suudaan Kaartuumiitti imaluunsaanii ni yaadatama.

Kunis Poomyeeyoon aanga’aa Ameeriikaa olaanaa baroota dheeraan booda Sudaan doowwattan taasiseera.

Ameerikaan Sudaaniin tarreewwan biyyoota shororokeessuummaa deeggaranitti kan maktee bara Faranjoota 1993 yoo ta’u, kanaaf sababiiwwan kaa’aman keessaa tokko hoogganaan Al Qaa’idaa duraanii Osaamaa Bii Laadan waggoota shaniif Sudaan keessa jiraachuu isaati jedhameera.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment