Taphoota Beetkiing Priimeyar Liigii Ityoophiyaa Torbee 10ffaan Adaamaan yoo injifatu Jimmaa Abbaa Jifaar injifatame

Finfinnee, Amajjii 23, 2013 (FBC) – Taphoota Beetkiing Priimeyar Liigii Ityoophiyaa torbee 10ffaa har’a gaggeeffameen Adaamaan yoo injifatu, Jimmaa Abbaa Jifaar injifatame.

Tapha har’a sa’aatii 4:00 irraa eegalee Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Jimmaatti gaggeeffameen Magaalaan Adaamaa magaalaan Hawaasaa 3 fi 1 injifateera.

Taphataan sarara fuulduraa Adaamaa Abdiisaa Jamaal goolii sadi galchuun hatirikii hojjeteera.

Tapha waaree booda sa’aatii 9:00 irraa eegalee Walaayitaa Diichaa fi Jimmaa Abbaa Jifaar gidduutti Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Jimmaatti taphatameen Diichaan 3 fi 1n Abbaa Jifaar injifateera.

Liigicha kilabiin magaalaa Faasiil qabxii 22 yoo dursu, Hadiyyaa Hosaa’iinaan qabxii 18niin sadarkaa 2ffaarrattin argama.

Adaamaan qabxii 7 sadarkaa 12ffaa, Jimmaa Abbaa Jifaar qabxii 3 sadarkaa dhumaarratti argama.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

Comments (0)
Add Comment