Taphoota Shaampiyoons Liigii Awurooppaan galgala kana Maanchiisteer Yuunaayitiid PSG ni keessummeessa

Finfinnee, Sadaasa 23, 2013 (FBC) – Taphoonni Shaampiyoons Liigii Awurooppaa galgala kana itti fufuun yoo taphatamu, Maanchiisteer Yuunaayitiid PSG, Seeviillaan Cheelsii waliin ni falmatu.
Shaampiyoons liigichaan galgala kana biyyoota Awurooppaa garaagarraatti taphoonni 8 kan gaggeeffamu yoo ta’u:-
Maanchiisteer Yuunaayitiid – PSG
Seevillaan – Cheelsii
Booruushiyaa Doortumand – Laaziyoo
Club Bruges – Zenit St Petersburg
Ferencvaros – Barcelona
Juventus – Dynamo Kyiv waliin ni taphatu.
Taphoota eda galgala gaggeeffameen Liivar Puulii fi Inter Miilaan morkattoota isaanii yoo injifatan, Riiyaal Maadriid injifatameera.
Maanchiisteer Siitiin Poortoo waliin, Atleetikoo Maadrid Baayern Muunik waliin qixa ba’aniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment