Traamp dubartoota ulfa gara Ameerikaa imalan ittisuufi

Finfinnee, Amajjii 15, 2012 (FBC) – Bulchiinsi preezdantii Ameerikaa Doonaald Traamp hojimaata dubartoonni ulfaa Ameerikaa akka hin seenne dhoorku hojiirra oolchufi.

Hojimaatichi guyyaa har’aa irraa kaasee hojiirra akka oolu ragaan masaraa mootummaa Adiitii argame ni muul’isa.

Waajjirri Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa dubartoota biyyoota biroo daawwii yeroo gabaabaaf gara Ameerikaa imalaniif viizaa Bi 1 fi Bi 2 hin laatu jedhameera.

Dhoorkaan viizaa kun dubartoonni ulfaa Ameerikaatti da’uun daa’imni isaanii lammummaa Ameerikaa akka argatu taasisuuf warreen imalan ilaallata jedhameera.

Yaa ta’u malee hojimaanni haaraan kun lammiilee biyyoota Awrooppaa 39 kan hin ilaallannedha jedhameera.

Mootummaan Ameerikaa hojimaatichi kan isaan hin ilaallanne viizaa malee daawwannaaf, dhimma dhunfaaf, biizinaasii fi dhimmoota garagaraaf imalaniif eeyyamni daawwii guyyoota 90 kennamaafii jira jedhameera.

Ameerikaatti waggaadhan dubartoonni ulfaa biyyoota garaagaraa kumni 10 ta’an akka da’aan ragichi ni mul’isa.

Maddi:-CCN

Comments (0)
Add Comment