Walitti bu’iinsi Isiraa’eelii fi Filisxeem gudduutti uumame gara waraanaatti akka hin jijjiirramne sodaa uume

Finfinnee, Caamsaa 4, 2013 (FBC) – Walitti bu’iinsi Isiraa’eelii fi Filisxeem gudduutti uumame guutumaan guutuutti gara waraanaatti akka hin jijjiirramen sodaa uumeera.
Isiraa’eelii fi Hamaas bara Faranjootaa 2014 booda walwalirratti tarkaanfii waraanaa fudhachaa jiru.
Filisxeemoonni loltonni Isiraa’eel Masjiida seenuun tarkaanfii fudhatan jechuu hordofee walitti bu’iinsa uumameen lubbuun lammiilee hedduu darbuu ibsameera.
Isiraa’eel buufataalee waraanaa Hamaas Gaazaatti argamurratti haleellaa xiyyaaraa hoggantoota waraanaarratti raawwatteen lammiilee nagaa dabalatee lubbuun namoota 53 darbuu ibsameera.
Haaluma walfaakkaatuun Hamaas gama isaanii Rokkeetoota hedduun gara bulchiinsoota Isiraa’eeliitti dhukaasuu beeksiiseera.
Kanaaniis lammiileen Isiraa’eel 6 ajjeefamuu fi Gaazaa Sirxii Rokkeettoonni kumni 1 fi 500 gara sanatti dhukaafamuu himameera.
Isiraa’eel gama isheen Rokkeettoota Gaazaa Sirxii dhukaafaman 500 fashaleessuu ibsiteerti.
Maddi:-Al jazeera
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment