Waraanni Sudaanii fi humni tika nageenyaa duraanii walitti bu’an

Finfinnee, Amajjii 6, 2012 (FBC) – Waraanni Sudaanii fi Humni Tika nageenyaa Preezdaantii duraanii biyyattIi Oomaar Haasan Aalbashir walitti bu’uun himame.

Humni tikaa duraanii kunneen kaaba Kaartummaatti meeshaalee waraanaa gurguddoo dhukaasaa jiraachuu ibsameera.

Dabalataan mana meeshaa waraanaa tika nageenyaa buufata xiyyaaraa cinaatti argamu to’achuu isaanii himameera.

Loltoonni Mootummaa Sudaan gama isaaniin gamoo mormitootan qabame kana deebisanii to’achuu isaanii ibsaa jiru.

Dhukaasaa banameen namoonni miidhaman jiraachuu dubbatameera.

Manni maree walabummaa Sudaan humni tika nageenyaa duraanii kunneen biyyattiitti nageenyi akka hin buune gochaa jiru jechuun komataniiru.

Jeequmsa biyyattii keessatti uummamaa jiru keessaa itti gaafatamaan humna tika nageenyaa duraanii Saalaahiin Gooshi harka qabu jedhameera.

Hogganaa olaanaan mana mare walabummaa biyyattii Jeneraal Moohaammad Haamdaan gochichaf obsa kan hin qabne ta’uu dubbataniiru.

Tasgabbii fi nageenyi amma jiru kun gara jeequmsi bara bulchiinsa Oomaar Haasan Aalbashir turetti akka hin deebine soda uumee jira.

Maddi:-BBC

Comments (0)
Add Comment