Yuunaayitiid Kiingidamitti weerarri dhibee Covid-19n haaraan daraan hammachaa jiraachuu ibsame

Finfinnee,Muddee 23,2023 (FBC) – Yuunaayitiid Kiingidamitti weerarri vaayrasii koroonaa haaraan muul’ate akkaan hammaachaa jiraachuu ibsameera.
Hospitaaloonni biyyattii hedduun isaanii dhukkubsattootaan dhidhiphaataa jiraachuu eerrameera.

Sababa akaakuu vaayrasii koroonaa haaraan ariitiin tatamsa’uun namoonni hedduun vaayrasichaan qabamanii gara hospitaala seenaa jiru.

Guyyaatti yoo xiqqaate namoonni kuma 1 ta’an vaayrasichaan lubbuu isaanii dhabaa jiru jedhame.

Hospitaalota biyyattii 23 keessatti sireewwan harki 1/3ffaan dhukkubsattoota dhibee Covid-19n qabamanii jiraachuu eerrameera.

Maddi:-BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment