Buufanni Saatalaayitii Odeeffannoo hedduu hojii sharafa alaa argamsiisu eegale

Finfinnee, Amajjii 29, 2016 (FBC) – Inistiityuutiin Saayinsii Hawaa fi Ji’oo Ispeeshaalii Buufanni Saatalaayitii Odeeffannoo hedduu hojii sharafa alaa argamsiisu eegaluu beeksiise.

Buufatichi bara 2013 ijaaramee hojii eegaluu Daayrektarri Olaanaa Inistiityuutichaa Abdiisaa Yilmaan ibsaniiru.

Buufatichi odeeffannoo qulqulluu fudhachuurra darbee carraalee gabaa uumuun dhaabbilee garagaraa waliin hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Buufanni Tajaajila Ragaalee lafaa saatalaayitiiwwan 10 fayyadamoo taasiisuun dandeettii sharafa alaa argamsiisuu ijaaruu danda’uu isaa ibsaniiru.

Buufanni Saatalaayitii Odeeffannoo hedduu Inxooxxoo Saatalaayitiiwwan 11 irraa ergama fudhachuun, ragaalee walitti qabuun tajaajila barbaaddameen wal qunnamsiisuuf qophii xumuruun gara hojiitti galuu eeraniiru.

Maahileet Taklabirhaantu gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment