Aanaan Gommaa Shaamphiyoonaa Ispoortii Aanaalee Jimmaa taate

Finfinnee Guraandhala 18, 2015 (FBC)- Shaampiyoonaan Ispoortii Aanaalee Godina Jimmaa olantummaa Aanaa Gommaan xumurame.

Hirmaannaa fi naamusaan Aanaan Saqqaa Coqorsaa injifateera.

Shaampiyoonaan Ispoortii Tapha Guutuu Aanaalee Godina Jimmaa 29ffaan guyyoota 15’f gosoota ispoortii 11’n ispoortessitoota 1500 hirmaachisuun gaggeeffamaa tureera.

Itti Gaafataman Waajjira Dargaggoo fi Ispoortii Godina Jimmaa Obbo Nagumaa Mokonnin dorgommichaan ispoortessitoota ciccimoo godinicha bakka bu’uun sadarkaa naannootti dorgommanii fi abdii borii kan itti horanneedha jedhan.

Tapha Guutuu Oromiyaa irrattis qabxii gaarii galmeessuuf qophii taasifna jedhaniiru.

Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir Ispoortiin jaalala, tokkummaa fi nageenya ta’u himanii, aanaaleen godinichaas misoomaan qofa osoo hintaane ispoortii hirmaanna gaarii taasisa jiraachuu himaniiru.

Bulchiinsi godinichaas bu’uuralee misooma ispoortiif xiyyeeffannaan akka hojjettu dubbataniiru.

Shaampiyoonaa har’a xumuramerratti kubbaa miilaan, diviiziyoonaa 2ffaan Aanaan Limmuu Saqqaa, diviiziyoona 1ffaan ammoo aanaan Shabee Somboo abbaa Waancaa ta’aniiru.

Tamasgeen Allaabbaachootu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment