Agarsiifnii fi Baazaariin Daldalaa Waldaa Misooma Sidaamaa eegalame

Finfinnee, Hagayya 21, 2013 (FBC) – Agarsiifnii fi Baazaariin Daldalaa jalqabaa Waldaa Misooma Sidaamaa magaalaa Hawaasaatti eegalameera.
 
Agarsiifnii fi Baazaariin Daldalaa kun mata duree ‘Bilisummaa keenyaa Misooma keenyaaf’ jedhuun gaggeeffamaa jiraachuu himameera.
 
Oomishtoonnii fi Daldaltoonni 200 Agarsiisaa fi Baazaarii Daldalaa kanarratti hirmaachuu ibsameera.
 
Waldaan Misooma Sidaamaa fi Proomooshinii Alii waliin kan qopheessan yoo ta’u, galiin argame damee barnootaaf kan oolu ta’uu eerameera.
 
Hoggantoonni olaanoon naannichaa Agarsiisaa fi Baazaarii kanarratti argamaniiru jedhame.
 
Hanga Qaammee 4, 2013 kan turu ta’uus himameera.
 
Maqdas Asaffaatu gabaase.
 
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment