Oomishaalee alaa galan kan biyya keessan bakka buusuun Sharafa Doolaara biiliyoona 3.1 baraaruun danda’amuu ibsame

Finfinnee, Ebla 21, 2016 (FBC) – Oomishaalee alaa galan biyya keessatti oomishuun Sharafa alaa Doolaara biiliyoona 3.1 baraaruun danda’amuu Ministeerri Indaastirii beeksiise.
Ministeerichi raawwii hojii baatiwwan saglan darbanii gamaaggameera.
Baatiwwan saglan darban keessa dandeettii Indaastirii oomishtootaa dabaluu fi rakkoo jiran furuuf tattaaffii olaanaan taasiifamuu eerameera.
Oomishaalee sharafa alaan gara biyya keessaa galan kan biyya keessaan bakka buusuun Sharafa Doolaara biiliyoona 3.1 baraaruun danda’amuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment