Bu’aa qabeessumaa Daldala Walabaa naannawaa Afrikaaf dhaabbileen tajaajila qulqullina qabu dhiyeessutu irraa eegama jedhame

Finfinnee, Ebla 29, 2016 (FBC) – Bu’aa qabeessumaa Daldala Walabaa naannawaa Afrikaaf dhaabbileen tajaajilaa fi oomisha qulqullina qabu dhiyeessuun akka irraa eegamu ibsameera.

Mata duree ‘Qophummaa dhaabbilee Daldala Walabaa naannawaa Afrikaaf’ jedhuun mariin Paanaalii Manni Maree Daldalaa Magaalaa Finfinnee qopheesse gaggeeffamaa jira.

Daldalli Walabaa naannawaa Afrikaa Guddina daldala Itiyoophiyaaf gumaacha olaanaa qabaachuu Pireezidaantiin mana marichaa Masanbat Shaanquxeen ibsaniiru.

Gabaan Daldala Walabaa naannawaa Afrikaa namoota biiliyoona 1.3 walbichisiisuu kan danda’uu fi waggaatti oomisha Doolaara biiliyoona 3.4 qooda qabaachuu ibsameera.

Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni 47 seericha hojiirra oolchuuf waliigaltee taasiisuu eerameera.

Har’as Dhaabbileen waliigaltee kana hojiitti haala hiikuu danda’anirratti mariin gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Yisimaaw Adaraawutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment