Baankiin Daldalaa Keeniyaa Ityoophiyaatti damee faayinaansiirratti bobba’uuf fedhii qabu ibse

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2015 (FBC)- Ityoophiyaan damee faayinaansii abbootii qabeenyaa alaaf banaa taasisuu hordofee Baankiin Daldalaa Keeniyaa biyyattiitti damee faayinaansiirratti bobba’uuf fedhii qabaachu ibseera.

Jilli hoggantoota olaanoo Baankii Daldalaa Keeniyaa Komishinii Invastimantii Ityoophiyaa daawwateera.

Jilichi, murtee mootummaan Ityoophiyaa damee faayinaansii abbootii qabeenyaa alaaf banaa taasisuuf murteesse dinqisiifateera.

Kana hordofees Baankiin Daldalaa Keeniyaa damee faayinaansii Ityoophiyaarratti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibseera.

Ittaanaa Koomishinaraa Koomishinii Invastimantii Ityoophiyaa Tamasgeen Xilaahuun, imaammataa invastimantii, fooyyessa diinagdee taasifamee akkasumas kaayyoo damee faayinaansii abbootii qabeenyaa biyya alaaf banaa taasisuu garee jilichaa hubachiisaniiru.

Baankiin Daldalaa Keeniyaa waggoota 125 ol damee baankiin muuxnnoo kan qabuu fi biyyoota Afrika Bahaa sadiitti bobba’ee hojjechaa jiraachuu ragaan koomishinicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment