Baankiin Misoomaa Ityoophiyaa kurmaana jalqabaatti Birrii biiliyoona 3.5 liqii kenne

Finfinnee, Onkololeessa18, 2015 (FBC)- Baankiin Misoomaa Ityoophiyaa kurmaana jalqabaa bara 2015tti Birrii biiliyoona 3.5 liqii kennuu beeksise.

Pireezidaantiin Baankichaa Dooktara Yohaannis Ayyaalawu akka jedhanitti, baankichi kurmaana jalqabaatti liqii kanaan duraa kenne Birrii biiliyoona 4.8 deebisiiseera.

Kunis kan bara darbeen yoo walbira madaalamu guddina %65 akka qabu eeraniiru.

Baankichi kurmaana jalqabaatti Birrii biiliyoona 4.6 kan raggaasise yoo ta’u, kana keessaa damee oomishaaf liqiin kenname olaanaadha jedhan.

Bara baajatichaa kurmanaa jalqabaatti hanga liqii raggaasise keessaa Birrii biiliyoona 3.5 kan ta’u kennuu ibsaniiru.

Baankichi tajaajila isaa si’oomsuu fi liqeeffattoonni hojii bu’aa qabeessa hojjechuu akka danda’aniif leenjii kennuu fi raawwii isaa fooyyesseera jedhan.

Baankichi kurmaana jalqabaatti Birri miiliyoona 740 bu’aa argachuus ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment