Baatiwwan 11 darbanitti damee oomisha Abaaboo fi Fuduraarraa galiin Doolaarri miiliyoonni 485 argame

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2013 (FBC) – Baatiwwan 11 darbanitti damee oomisha Abaaboo fi Fuduraarraa galiin Doolaarri miiliyoonni dhibbi 4 fi miiliyoonni 85 argamuu ibsameera.
Tarsiimoo fi imaammanni damee Abaaboo fi Fuduraa giddisuuf dandeessisu qophaa’uu himameera.
Baatiwwan 11 darbanitti damee oomisha Abaaboo fi Fuduraarraa galiin Doolaarri miiliyoonni dhibbi 4 fi miiliyoonni 85 kan argame yoo ta’u, waliigala bara baajataa kana damicharraa Doolaarri miiliyoonni dhibbi 5 fi miiliyoonni 25 ni argama jedhamee eeggama.
Damichaaf xiyyeeffannoo laachuun hojmaanni rakkoolee jiran furuuf dandeessiisu diriiruu Ministir Deettaan Ministeera Qonnaa obbo Wandalee Haabtaamuu Faanaa Brodkaastiingi Korporeetiif himaniiru.
Hojmaanni qonnaan bultoota abbootii qabeenyaa waliin walitti hidhu diriiruu ibsaniiru.
Paarkiwwan Indaastirii qindeessa oomishaalee qonnaaf oomishaalee ga’aa dhiyeessuun sharafa alaa giddisuu fi carraa hojii uumuuf hojmaanni dandeessisan diriirii dubbataniiru.
Abbootiin qabeenyaa damicha keessatti hirmaachuuf gaaffii dhiyeessaa jiran wayita gara hojiitt galanii lammiilee kuma dhibba 2 oliif carraa hojii uumuun akka danda’amu ibsameera.
Zufaan Kaasahuuntu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment