Baatiwwan kurnan darban Humna Elekririkaa gabaa alaaf dhiyaaterraa galiin Doolaarri miiliyoonni 83 ol argame

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2015 (FBC) – Baatiwwan kurnan darban Humna Elekririkaa biyyoota Ollaaf dhiyaateerra galiin Doolaarri miiliyoonni 83 ol argamuu Humni Elektirikaa Ityoophiyaa beeksiise.

Baatiwwan kurnan darbanitti Humni Elektirikaa Geegaa Waattiin kumni 12 fi 126 gurgurtaaf dhiyaachuu Daayrektarri Kominikeeshinii dhaabbatichaa Magas Makonniin ibsaniiru.

Baatiwwan kurnan darban gurgurtaa biyya keessarraa galiin Birriin biiliyoonni 14 fi gurgurtaa biyya alaaf dhiyaaterraa Doolaarri miiliyoonni 80 ol argamuu ibsaniiru.

Ityoophiyaan Humna Elektirakaa Jibuutii, Keeniyaa fi Sudaaniif dhiyeesaa jiraachuu Obbo Mogas eeraniiru.

Gurgurtaan humnaa kun karoora Ityoophiyaan naannawicha Diinagdeen walitti hidhuuf qabattee keessaa qaama tokko ta’uun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment