Bara baajataa darbe Warqeen Kiiloo Giraamni kumni 9 fi 384.284 gabaaf dhiyaachuu ibsame

Finfinnee, Qaammee 3, 2013 (FBC) – Bara baajataa darbe Warqee Kiiloo Giraama kuma 9 fi 384.284 gabaaf dhiyaaterraa Galiin Doolaarri miiliyoonni dhibbi 6 fi miiliyoonni 71 ol argamuu Ministeerri Albuudaa fi Boba’aa beeksiise.
 
Bara baajataa xumurame Warqeen Kiiloo Giraamni Kumni 8 fi 596 mala aadaan, Kiiloo giraamni 788.25 ammoo dhaabbilee oomisha Albuudarratti bobba’aniin oomishamuu Ministeerichi ibseera.
 
Warqee alatti ergameerraa Galii Dooraara miiliyoona dhibba 6 fi miiliyoona 37 argachuuf karoorfamee Doolaarri miiliyoonni dhibbi 6 fi miiliyoonni 71.58 argamuu ibsameera.
 
Gosa Albuudaa biroorraa Doolaara miiliyoona 19 argachuuf karoorfamee Doolaarri miiliyoonni 10.42 argamuu ragaan ministeericharraa argame ni muul’isa.
 
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment