Booleetti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun daa’ima umrii waggaa 10 darbe

Finfinnee, Onkololeessaa 13, 2013 (FBC) – Kutaa magaalaa Booleetti mana jireenyaa fi suuqii daldalaarra balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun daa’ima umrii waggaa 10 yoo darbu, namoota lamarraa miidhaan qaama qaqqabuu komishiniin poolisii Finfinnee beeksise.

Balichi konkolaataa Sinootraakiin kan qaqqabe.

Konkolaatichi daandiirra miliqee mana jireenyaa fi suuqii daldalaa bu’uun balaa qaqqabeen lubbuu daa’ima umrii waggaa 10 gara suuqiitti ergamee darbuu itti aanaan qorataa yakkaa fi nageenyaa balaa tiraafikaa poolisii kutaa magaalaa Boolee Saajiin Taammiraat Masfiin ibsaniiru.

Balichaan namoota lamaarra balaan qaama salphaa fi cimaan kan qaqqabee yoo ta’uu, qabeenyi hedduun barbadaa’u dubbataniiru.

Bakka itti balaan qaqqabee nammoonni turan daa’immaan biroorraa balaan akka hin qaqqabneef baraaraniiru jedhaniiru.

Lubbuu namaa fi qabeenyaarra miidhaa qaqqabu hambisuuf konkolaachiftoonni itti gaafatammumman konkolaachisuu akka qaban Saajiin Taammiraat Masfiin yaadachiisaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment