Bulchiinsa Taaksii fooyyeessuu fi dandeettii galii walitti qabuu naannolee cimsuun kallattii fuulduraati-Aadde Ayinaalem Nugusee

Finfinnee, Guraandhala 27, 2016 (FBC)- Bulchiinsa Taaksii fooyyeessuu fi dandeettii galii walitti qabuu naannolee guddisuun kallattii fuulduraa ta’uu Ministirri Ministeera Galiiwwanii Aadde Ayinaalem Nuguseen dubbatan.

Raawwiin guyyoottan 100 Mana Maree Ministiroota Bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad argamanitti qoratamaa jira.

Bara baajatichaatti galii Birrii biiliyoona 529, baatiiwwan jahatti immoo Birrii biiliyoona 312 walitti qabuuf karoorfamuu eeran.

Haaluma kanaan, baatiiwwan jahan darban galiin Birrii biiliyoona 302 walitti qabuun, karooricha %96 milkeessuun akka danda’ame eeraniiru.

Dameewwaan garaagaraa keessa rakkoon jiraatus, hojiin bakka buusuu hojjetama jiraachuu eeruun, sirni galii walitti qabuu qormaatilee keessa darbaas raawwii fooyya’aa galmeessuu dubbataniiru.

Akka diinagdee biyyatiitti galiin walitti qabame gadi aanaa ta’uu ibsuun, bulchiinsa Taaksii fooyyeessuu fi dandeettii galii walitti qabuu naannolee guddisuun kallattii fuulduraa ta’uu himuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment