Daldaltoota eksaayiz taaksiin dabaleran gatii dabalan irratti tarkaanfin ni fudhatama jedhame

Finfinnee, Muddee 22, 2012 (FBC) – Daldaltoota eksaayiz taaksiin dabale jechuun meeshaalee irratti daballii gatii taasisan irratti tarkaanfiin ni fudhatama jedhame.

Ministeerri Galiiwwaanii akka beeksisetti daldaltoota eksaayiz taaksiin dabaleera jechuun meeshaalee irratti daballii gatii taasiisan irratti tarkaanfiin ni fudhatama.

Ministirri Ministeera Galiiwwanii aadde Adaanach Abeebeen ekzaayiz taaksiin gatii meeshaalee dabalee ture kan hir’isu malee hin dabalu jedhaniiru.

Qaamolee eksaayiz taaksiin dabaleera jechuun meeshaalee irratti daballii gatii taasiisan irratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uus ibsaniiru.

Ministir deettaan Ministeera Daldala fi Induustirii obbo Ishaatee Asfaaw meeshaalee tokko tokko irratti eksaayiz taaksiin gatii dabaleera jechuun daldaltoota daballii gatii taasiisan irratti hojii tarkaanfii fudhachuu qabatamaan hojjetamaa jira jedhan.

Wixineen fooyya’ee bahe irrattis hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jiraachuu ragaan ministiricharraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment