Damee holtiikaalchariirraa galii Doolaara miiliyoona 741 ol argachuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2016 (FBC)- Bara 2016’tti, damee Holtiikaachariirraa galii Doolaara miiliyoona 741.8 argachuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Ministeerichi damichaan carraalee gaarii jiranii fi gufuulee jiran irratti qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’ateera.

Maricharratti Ministirri Ministeerichaa Dooktar Girmaa Amanteen, invastimantiin holtiikaalcharii wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee sharafa alaa argamsisuuf gumaacha olaanaa taasisaa akka jiru himaniiru.

Rakkoo dhiyeessi meeshaalee dheedhii damichaa furuuf hojjetamaa akka jiruu eeraniiru.

Akkasumas carraalee hojii uumuun gahee olaanaa bahachaa jiraachuu dubbataniru.

Damichi waggoota 18’n dura ogeeyyii biyyaa alaan hogganama kan ture yeroo ammaa ce’umsa beekumsaa taasifameen %98 lammiilee Itiyophiyaan akka gaggeeffamuu taasifamuu eeraniiru.

Yeroo ammaas sadarkaa idil addunyaa fi sababa biyyaalessaan rakkooleen damicha qoran akka jiran kaasanii, kana furuufis mariin hojiirra oolmaa yoo gaggeeffame galii Doolaara miiliyoona 741.8 argachuuf karoorfame milkeessuun akka danda’amu hubachiisaniiru.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment