Dhaabbanni Iloon Maask meeshaa ‘sochii to’atu’ sammuu keessa awwaalamu yeroo jalqabaaf ifoomse

Finfinnee, Amajjii 21, 2016 (FBC) – Dhaabbanni Iloon Maask Niwuraaliink chippii funyoo hin qabne yeroo jalqabaaf milkaa’inaan sammuu namaa keessatti awwaaluu beeksiseera.

Kaayyoon dhaabbatichaa sammuu namaa kompiitara waliin walitti qabsiisuun dhukkuboota sammuu wal-xaxaa tahan furuu irratti gargaaruu dha.

Iloon Maask dhimma kana irratti hojjechuuf Caamsaa darbe Bulchiinsa Nyaataa fi Qorichaa irraa eeyyama argatee ture.

Niwurooliink, kuni qorannoo waggaa ja’aa roobootii fayyadamuun fo’aa hamma rifeensaa qal’atu 64 kutaa sammuu ”fedhii sochii” to’atu keessa kaa’uuf jalqabbii gaarii dha jedhan.

Akka dhaabbatichi jedhutti fo’aan amma sammuu keessa kaa’ame funyoo otoo hin qabsiifamiin baatiriinsaa chaarjeffamuu danda’a- kunis dambalii sammuu keessaa galmeessuun akkatti namni sun socho’uu barbaade hiika kennuun gara appiitti dabarsa.

Iloon yaada X irratti maxxanseen hojiin Niwurooliink jalqabaa Teeleepaatii jedhamaa jedhe.

Teelepaatiinis, ”bilbilaafi kompiitara kee yaaduu dhaan qofa to’achuu si dandeessisa, isaan immoo waan barbaadde biraa to’attaa,” jedhe.

”Namoonni jalqaba teeknoolojii kana fayyadaman namoota miila isaanii dhaabani dha,” jechuun ibseera.

Iloon maqaa dhaabbatasaa ol haa kaasuyyu malee isa dura dhaabbileen kanneen akka ‘Blackrock Neurotech’ jedhaman sammuu fi kompiitara bara 2004tti ture kan wal-quunnamsiise.

Meeshaaleen amma hojiirra jiran bu’aa argamsiisaa jiru.

Qorannoo Ameerikaatti dhihootti taasifameen meeshaaleen sammuu keessatti awwaalaman yeroo namni dubbatu sochii sammuu keessa jiru hordofuun, namoota rakkoo haasaa qaban gargaara jechuun BBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment