Dhaabbilee Daldalaa gocha seeran alaa raawwatan kuma 80 ol irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Qaammee 3, 2013 (FBC) – Dhaabbilee Daldalaa gocha seeran alaa raawwatan kuma 80 ol irratti tarkaanfiin fudhatamuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksise.
 
Dhaabbilee Daldalaa gatii hin malle dabalanii fi gocha seeran alaa osoo raawwatanii argaman kuma 80 fi 641 irratti tarkaanfiin fudhatamuu ministeerichi ibseera.
 
Injifannoo duula kabachiisuun argame duubatti deebisuuf, Haala yeroo jirutti fayyadamuun Dhabbilee Daldalaa gocha seeran alaa raawwataan adda baasuun, tarkaanfiin seera fudhatamaa jiraachuu Gorsaan Dhimmoota Kominikeeshinii Ministira Ministeera Daldalaa fi Indaastirii obbo Wandaaxiir Makoonniin himaniiru.
 
Dhaabbileen daldalaa 257 hojiirraa dhorkamuu fi kuma 2 fi 230 irratti ammoo himanni banamuu ibsaniiru.
 
Maddi:-DhPI
 
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment