Dhaabbileen daldala Alaan raawwii olaanaa galmeessan 41 badhaafaman

Finfinnee, Qaammee 2, 2013 (FBC) – Dhaabbileen daldala Alaan bara baajataa 2013 raawwii olaanaa galmeessan 41 badhaafamaniiru.

Qopheessummaa Ministeera Daldalaa fi Indaastiriin Dhaabbilee daldala Alaan raawwii olaanaa galmeessan 41 beekkamtii fi badhaasni laatameera.

Bara baajataa oomishalee biyya keessaa gara alaatti ergamerraa Doolaara biiliyoona 4.1 sharafa alaa argachuuf karoorfamee Doolaarri biiliyoonni 3.64 argamuu Ministirri ministeera Daldalaa fi Indaastirii obbo Malaakuu Aallebal ibsaniiru.

Sagantaa beekkamtii fi badhaasaa kun al ergitoota dorgomaa ta’e uumuuf jajjabeessaa ta’uu himaniiru.

Abbootii qabeenyaa fi dhaabileen ergitootaa haala yeroo ammaa biyyi keessa jirtu hubachuun shira diinagdee ittisuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment