Dirree Dhawaatti abbootii qabeenyaa kaappitaala Birrii biiliyoona 38 galmeessaniif eeyyamni invastimantii kenname

Finfinnee, Amajjii 16, 2016 (FBC)- Baatiiwwan ja’an darbanitti abbootii qabeenyaa kaappitaala Birrii biiliyoona 38 galmeessaniif eeyyamni invastimantii kennamuu Biiroon Daldalaa, Indastirii fi Inavstimantii Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa beeksise.

Biirichaatti Dursan Garee Qorannoo fi Piromooshinii Invastimantii Obboo Abarraa Mangistuu, baatiiwwan ja’an darbanitti, abbootii qabeenyaa eeyyama invastimantii gaafatan 250’f eeyyama kennuuf karoorfamee abbootii qabeenyaa 244’f kennamuu ibsan.

Abbootii qabeenyaa eeyyamichaa argatan 87 damee maanufaakchariingii, 140 damee taajaajilaa, 13 damee qonnaa fi afur ammoo damee konistiraakshiniirratti bobba’uuf bu’uuraa gaaffii dhiyeessaniin kennamuu eeran.

Abbootiin qabeenyaa kunneen gara hojiitti wayita seenaan lammiilee kuma 19’f carraa hojii yeroo fi dhaabbii ni uumuun kan eegamu ta’uu ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa kanaan dura eeyyama invastimantii fudhatanii hojiitti kan hinseenne 88 adda baafamuun, yoo hojiitti hinseennes lafti fudhtaan gara baankii lafaatti akka deebifamu hojiin hordoffii hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Tashoomaa Haayiluutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment