Dorgommii Buunyaan Itiyoophiyaan meedaaliyaawwan ja’an xumurte

Finfinnee, Ebla 14, 2016 (FBC)- Dorgommii Buunyaa Afrikaa Waancaa Maandeellaarratti Itiyoophiyaan meedaaliyaawwan ja’a argachuun xumurteetti.

Dorgommichaan Itiyoophiyaan Meetii 3 fi Nahaasa 3’n dorgommicha xumuruu dandeesseetti.

Dorgommiin Buunyaa kun Afrikaa Kibbaa Magaalaa Darbaanitti kan gaggeeffame yoo ta’u, Suraafeel Alaayyuu, Miliyoon Caffoo fi Beeteeliheem Walduu meedaaliyaa Nahaasaa argamsiisaniiru.

Beeteliheem Gazzaanyi, Roomaan Asaffaa fi Tamasgeen Mitikkuu ammoo sadarkaa 3ffaan Meedaaliyaa Meetii argamsiisuu ragaan Ministeeraa Aadaa fi Ispoortiirraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment