Fiigichi guddichi Magaalaa Shaggar 1ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Guraandhala 18, 2015 (FBC)- Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti fiigichi guddaan Kiiloo meetira shanii 1ffaa fi sochiin ispoortii hawaasaa kutaa magaalaa Koyyee Facceetti adeemsifamaa jira.

Sagantaan kanarratti qondaaltonni Federaalaa, Naannoo, Magaalaa Shaggar, Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi hawaasni argamaniiru.

Dabalataan, hundeeffama Magaalichaa sababeeffachuun Kutaa Magaalaa Koyyee Facceetti baazaarii fi Igizibiizhiinii banameera.

Sagantaan sosochichaa hundeeffama Magaalaa Shaggar sababeeffachuun hariiroo hawaasummaafi obbolummaa, jaalala, tokkummaa lammiilee argisiisuuf jedhameera.

Fiigicha guddichaan malees argisiisni meeshaalee aadaa garaagaraa fi nyaata aadaa Oromoo ni dhiyaata.

Kana malees sagantaan guluffii fardaas ni gaggeeffama jedhameera.

Tasfaayee Ijjiguu fi Kaffaaloo Shifarraatu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment